Quantcast
Channel: Articles
Viewing all articles
Browse latest Browse all 164

Mee-Hammam Fagaataa?

$
0
0

Beekan Gulummaa Irranaa

oromia_biyya

Arreeddii hawwa namaa dheebuu akka lafa gogee
Kaan yeroo quufaan sirbu kuma heddu coolagee
Halangaan deegaaf roorroo kumaatamni irra marsee
Utuu iddoo yaade hingahiin duuti lafarraa kaasee

Namni hunduu numa fiiga boqonnaaf nagaa dhaamee
Jiruu addunyaa kanaatiif ofitummaan wal-saamee
Kumaaf karoora baasee kumaatamaaf aggaamee
Jiruusaa fooyyeffachuuf maatiisaaf nagaa dhaamee

Barii lafaa yoo ka’u guyyaaf sammuu xaxamee
Qaama qofaa naanna’aa qalbiif yaadaan hatamee
Itti guutuuf carraaqaa garuu korojoon duwwaa
Halkan boqonnaa dhabee abjuudhaan bu’a bowwaa

Mukaaf jirmatti bu’uun aadeffannaa fakkaatee
Obsa qabu fixate baay’een kanaan maraatee
Waan baasuuf isa hinbaafne gargar baafannaa dhugaa
Argachuu utuu barbaaduu kan dandamate dhugaa

Ajjeerrii cubbuuf yakkaa tuullaa manii lakkise
Barbada’uu kijibaaf haqa samii mandisee
Tulluu gamaaf gamasiif jiruu burree wal-caalmaa
Lakkoofsi bira hinga’u hawwiif gaaffii ilma namaa

Kan boqonnaa nudhorkee akka bofaa nu hidduu
Kaan gammachuun basha’ee gariin ciisee kan gadduu
Tokko ajjeesee jiraachuuf kan arrabaan wal-waaduu
Mee, daandiin hammam fagaata du’aaf jireenya gidduu?

Beekan Gulummaa Irranaa- Adoolessa, 2016


Viewing all articles
Browse latest Browse all 164

Trending Articles