SEENAA Y.G (2005)!! kutaa 2ffaa
Sochiin Qeerroo fi Qarree Ummata Biyya keessaa fi alaa akka waliin dhaabbatan taasiise, Gama tokkon Imaanaa abbootii isaanii dhaaluu isaanii kan mirkaneessu ta’uu hubachuu feesisa. Imaanaa keessan nu bira ga’eeraa jechuu isaaniiti. Humna Tokkummaa Oromoo addunyaatti argisiisuun, wayyaanee, humnoota alaa fi jala deemtoota, akkasumas, Qabsoon osoo alaa hin gallee wal unkuranii fi ka’uumsa isaanii dagatanii arraba dheerrefataniif, akeekkachiisa dhaabbii isaanii akka ilaalan kan taasiisudha. Yeroo kanatti sochiin faallaa kanaa taasifamu hundumtuu, bu’aa Ummatichaaf yaadamee gaggeeffamu mitii. Qeerroon ykn Ummati Biyya keessaa aarsaa lubbuu bakka bu’aa hin qabnee kafalamaa osoo jiruu, adeemsi rakasaa bifa kamiiyyuu, hololaan ykn nuutuu beekaadhaan, yk dubbiin nu qofaaf galtee jirtii jedhanii kanneen lafa dhiphisaniif, Afaan Oromoon sirbaa dhiichiisa habashaan dafquun waggaa 40f bu’aa tokkollee akka hin argamsiifnee qalbifadhaa jechuun alaa waan itti himamu hin jiru. Haa ta’uutii, Namoonni akkasii maalif hojii boonsaa irraa dheessanii, hojii mandaraa keessatti of laaquu? jennee gaaffii yoo kaafnee, barruu kiyya kutaa tokkoffaa eegale keessaa deebii quunsaa argattu. Har’as qabxiilee hafan tarriseen dubbii xumuraan lafa kaa’uu barbaada. Kutaa 1ffaa keessatti, 1. DHIIGAAN OROMOO TA’UU:- 2. OROMUMMAA:- 3. SABBOONUMMAA:- 4. WAREEGAMA:-hanga tokko iaalleerra. Qabxiilee nu hafanitti ceenee ergaa barruu kanaatti deebina.
- WALABUMMAA :-
Walabummaan Wareegamaan argamti. Qabsoo Ummata tokko keessatti sadarkaa wareegama barbaachisu kafaluu irra ga’uuf bu’aa ba’ii hedduu qabdi. Wareegama kafaluu irra ga’uun murteeffachuu jechuudha. Wareegama barbaachisuu waan barbaachisuuf oolchinaan, Walabummaan Biyyaa fi Bilisummaan Ummataa waan hin oollee. Qabsoo ummata kanaa hundeessuu irraa hanga har’aatti cichanii waliin kan jiran fi Qeerroon har’aa seenaa gootootaa dhiiga isaan mirkaneessn, mirga Ummata isaanii fi mirga Umamaan Ummati isaanii qabutti iggitii gochuuf hanga wareegamaatti waan murteeffataniif qofaadha. Wareegamaaf dhaabbachuu jechuun Ummata ofiif lubbuu , qabeenyaa, yeroo kkf ofirra caalichisanii warruma isaan abaarullee dabalatee dabarsani kennu jechuudha malee, dantaa borii herreeggatanii akka hin socha’iin mirkaneessa. Walabummaa hegaree isaanii bira ga’uuf Wareegama baasu. Gammachuu walabummaa keessaaf hundeen wareegamaaf of qopheessuudha. Nuuti har’a Walabummaa Biyyaa fi Bilisummaa Ummata keenyaa keessa hin jirru. Wareegamatti amannaan garuu walabummaan harka keenya keessa jirti. Waan Walabummaa keessaa saammachuuf jecha, ykn soorummaa wayyaanee ilaalanii gamanumaa of qopheessuuf na argaa na argaa jechuun, wareegamatti amanuu jechuu miti. wareegamni hololaa hin jiru. wareegamni hangafoota qabsoo abaaruun baafamu hin jiru. wareegamni arrabaa hin jiru. Walabummaan wareegama dhugaan qofaa argama. Walabummaan wareegama irratti hundofti. Sabboonummaa fi Oromummaan wareegama dheessituu, bakka kabajaa irraa salphinaatti nama konkolaaachifti. Karaa dhugaa Namoota hedduutu eegala. Kan xumuru garuu muraasa kan jedhamuuf kanaafi. Kan Seenaan ol kaaftee, abbichi ammoo salphinatti kan of darbuu kanumaafi.
- OROMOO :-
Oromoo Mirga guutuu qabu ta’uuf gatii walabummaa baasuu gaafata. Nuuti gaafa Biyya keenya mirkaneeffannee Oromoo abbaa Dhibbaa taana. Kun adeemsa keessa jira. Warra cabsituu fi Sabboonummaan kiraabaataan of mul’isuu ykn xiinxalaa ta’uutti ibsatan,, kaartaa Oromiyaa amma tokko ibsiitu, Afaan Oromoo Afaan Hojii fi barnootaa ta’uu, Ummata aadaa fi seenaa mataa isaa ta’uu fi kunis Faayila dhaabbata Mootummaa keessatti banameefii jiraachuu qabsoon kan argamee itti hin fakkaatu. Ijoolleen daa’imman ilmaan isaanii ta’an Dhiigaan wareegama kafalanii baatiilee muraasa keessatti dhimma ummata isaanii ajaandaa addunyaa taasiisan kana holola facebookii irratti wal hammacaniin madaaluu barbaadu. Kun ammoo wallaalummaa isa hangafaati. Nama boruu wareegama ijoollee kanaan Oromoo ofiin jechuuf taa’uu, wareegama kana waa hanqisu irraa of qusachuu qaba. kun Oromoo hanqisuuma.
Yaada walii galaa !!!!!!!!!!!
Dhiigaan Oromoo ta’uun Oromummaa hin ibsu. dhiigaan Oromoo ta’anii, amalaa fi aadaan Habashaa ykn kaa biroo ta’uun of hanqisuudha. Afaan Amaaraan yaadaa Afaan Oromoon dubbachuun Afaan wal keessa makuu fi dubbii wal keessa makutti nu geessa. Amala habashaan hammacamaa , ani Oromoodha ofiin jechuun dhiigaan ta’uu keenya qofaa mirkaneessa. Yaadoota kanneentuu ganda namaa nama dhaaba. Kan ofii dhiifnee kan halgaa akka dhaadheessinu nu taasisa. Kanatu fira irra diina waliin dhaabbannee dhiiga ofii akka ajjeefnu nu taasisa. Kanatu kabajaa wal nu dhawwisiisa. Kanatu mirga sharafamaatti akka amannu nu taasiisa. Oromummaan ulaagaa mataa isaa qaba. Oromummaan aadaa ofii beekanii ittin buluudha. Waan ummati ofii qabuuf ulfina kennuudha. Oromummaan afaan ofii qulqulleeffachuudha. Oromummaan garuu mirga dhumaa goonfachuu miti. aadaa fi seenaa, duudhaa saba ofii gaggeeffachaa, Afaan Ofiinis hojjachaa kkf raawwachaa Gabrummaan ni jirti. Isa amma wayyaaneen raawwataa jirtu. Yeroo hedduu Oromummaan kun of dhaadhessuutti nu fiiksiiti. Oromummaan Biyya osoo hin qabaannee kanneen hafaniin jiraachuudhaa jedhanii deebii ofii laannaan, Oromummaan deebitee gabrummaaf daboo baatii.
Waan Oromummaan qabdu tikifachuuf sabboonummaatti ce’uu gaafata. Sabboonummaan Oromummaa caalaa murannoo of keessaa qabdi. Sabboonummaatu dhaloota har’aa wareegama barbaachisuu kafalanii Ummata isaanii walboomsuuf akka murteeffatan taasisee. Maaliif jennaan dhalooti kun Dhiigaan Oromoo ta’uu, Oromummaa qabaachuu fi sabboonummaa irra tarkaanfatanii wareegamaaf kan isaan hiriirsee, waan tarrifne kana keessa dabranii waan guddataniifii. Dhiiga isaanii keessa jira. Oromoo keessa jiraatan. Oromumman guddatan. Sabboonummaadhaan dhaabbatan. Aadaa fi seenaa xiqqaattus ittuma guddatan. Oromummaa fi sabboonummaa dubbisanii hin argannee. Dhimma ummata isaanii qoratanii gabaa irra oolchuu keessaa hin araggnne. Akkuma warra qabsoo keessa cichee har’aan ga’ee, keessuma jiraatanii wareegamatti amanan.
Sabboonummaan namoota hedduu dogoggorsitee, akka of dhiibanii fi xiinxalaa jedhanii akka of dhaaban isaan taasisu kun, sabboonummaa sobaa wareegama hedduu sodaatudha. Sabboonummaa dhugaan seenaa kaleessaa hin abaaru. Wareegama kamuu hin busheessu. Dantaa isaa ilaallatee tokko abaaree tokko hin faarsu. Abbaa abaaree ilma hin jaju. Sabboonummaan akkasii kan facebookii irraati. Sabboonummaan dhugaa obbolaa bakka lama hin dhaabuu. Sabbonummaan dhiigaan Oromoo ta’uu irraa utaaleema ol ba’uu barbaadu, amma midhaan gaadiduu jalatti guddateeti. Hojjaatu ykn arrabatu dheerata. Yeroo isaa malee ol dheerata. Yeroo gadi deebi’uu garuu kan yeroo guddatee irra ariifata. Guddachuu irra kufaatii isaatti jabaata. Oromummaan sabboonummaa dhugaa hin qabnee, waltajjii fi miidiyaa irratti lallabuun beekamuuf yaaluun tokko. Sabboonummaa dhugaan wareegamaan goolabamti. Sabboonaa fi Boonuu adda baafachuu qabna. Oromummaan boonuun sabboonummaa ta’uu dhiisuu danda’a. Sabboonummaan Alaabaa uffachuu ykn uffata aadaa uffachuun ibsama miti. kun tokko ta’uu mala. Sabboonummaan dhugaa wareegama gama hundaa baasuuf of qopheessuudha. Haasaa irra ykn of tuulummaa irra hojiin of argisiisuu yaaluudha. Sabboonummaa dhugaan, badii kaleessaa barachuu irraa madda. Badii kaleessaa suduudaanis ta’ee karaa biraa irra deebi’uun gonkumaa hin ibsamu. Oromummaanis seenaa dabree xureessuun gonkumaa hin ibsamu. Sabboonummaan hojiitti amanuudha. Sabboonummaan waan qabsoo saba kanaaf fayyadu hundaa itti fayyadamuuf yaaluudha. Obsa qabaachuudha. Sabboonummaan qoodamuu fi nama dhuunfaan jibban sadarkaa Ummataatti akka jibbamuuf itti duuluu of keessaa hin qabu. Sabboonummaan siyaasaan bilchaachuu of keessaa qaba. laga marqaa jennaan ijoolleen boojjitoo fudhattee yaateen tokko miti. kabajaa mataa isaa qaba. ana qofaatu beekaa hin jedhu. Oromummaa dhugaan egaa, waan sabboonummaa keessaa kana hanga tokko guuttatanii sabboonummaan masakamanii of kennanii hojjachudha.
Wareegamaaf of qopheessuun isa gara fuula duraa qofaa yaaduudha. Dantaa ummataa qofaa dursuudha. Hololaa fi jette jettee waggaa 25 irraa waan argannee hin qabnuu jedhanii murteeffachuudha. Namni wareegamatti amanee qabsoo saba isaa rakkoo irraa tikisa. Wareegamaaf of laachuun kan kaleessaa abaaruu fi sukkuumuuf yaaluun furmaata hin jedhu. Sochii Biyya keessaa addunyaan raajeffattee kun, mirga ofii mirkaneessuuf wareegamni waa maraa barbaachisaadhaa jedhanii murteeffachuu irraa dhufaa. Kana gochuu dhabanii waan dubbisaniin sammuu fi qalbii of dhiitessinaan umurii guutuu wal abaaraa jiraachuu hordofsiisa. Har’a adii ta’aanii boruu gurraachaa ta’uuf yaaluudha. Dhaabbii dhabuu fi salphachuu hordofsiisa. Wareegama haqaa ijoollee kanaa booda Walabummaatu jira . kun shakkii hin qabu.
QALBEEFFADHAA !!!!!!!!!!!!!!!!
Har’aa Tokkummaan humnaa jechuu bira tarree, Humna tokkummaa argisiisaa jirra. Dhiigaan Oromuu ta’uu qofti bu’aa akka hin qabnee OPDO fi kachachaltoota irraa barannee jirra. Sabboonummaan wareegamaan hin utubamnee, Sabboonummaan ykn Oromummaan wareegamaan hin iggitamnee bubbultee akka nama salphiftuu fi Ummata madessituu gantoota diinatti of laatanii fi warra hololaa irraa barannee jirra. Qabsoon Oromoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatti tarkaanfachuuf, Ummata miliyoona 40 taana jennu kana keessaa miliyoona 1 kan wareegamatti murteeffate irratti yoo hojjannee , galii barbaannuu akka mirkaneeffannu shakkii hin qabu. Kan wareegamatti amanee muratee hiriirfatanii , diinas ta’ee Gufuu qabsoo ormoo kan ta’ee qalqulleessanii Abbaa Biyyummaa Oromoo mirkaneessun ni danda’ama. Oromoon kan sabboonummaan isa dhiiteessee ana malee jedhuu dhiisee, Oromummaa akka arraba re’ee nama iyyisiisuu dhiisee, sabboonummaa wareegama sodaatuus of keessaa qulqulleessee, injifannoon wareegama booda isa jedhuu qofa isa jedhu hiriirfatee qabsoo finiinsuun fardiidha.
Ertiraan kan Bilisoomtee warra wareegamatti amanan hiriirsiteeti.Afriikaan Kibbaa Walabummaa har’aaf kan ga’an murtii dhumaa Dargaggoonni wareegamanii Biyya isaaniif dabarsuutti amananiinii. Filitsixeemoonni qarqara walabummaa irra dhaabbatanii kan jiran warra wareegamaaf of qopheessaniini. Biyyoonni hundi walabummaan isaanii wareegama irratti ijaarame. Seenaan addunyaa kana dhugeessa. Kanneen sagal galagalaniin Biyyi walaboomte gonkuaa hin jirtu. har’a warra wareegamatti amanan qofaa dhaggeeffanee waliin hiriiruu nu barbaachisa. kana jechuun Qabsaa’oota qabsootti of laatan maraa fi Qeerroo seenaa haaraa galmeesisu waliin hiriiruun jechuudha. Arrabni oduu baree Utubaatti asaasaa akkuma jedhamu warra hololaa fi jette jetteef dhalatan dhiifnee, warri wareegamaaf of qopheessee waan eegalamee finiinsuutu furmaata jedheen amana. Qabxiilee kana wallaaluun eessa akka jiran wallaaluudha. Eessa akka jiran wallaaluun, Salphoo Soqolattee saqoolaa gargaarutti nama geessa.beektii beektii jennaan……..isa jedhanitti nama faala. Dhalooti kaleessaa wareegamatti amanee Qabsoo kana Utubee qabee waliin jira. Dhalooti Gadaa isaanii 40 boodaas, Wareegamatti amanee seenaa hojjachaa jira. Inni kana gidduutii sirbuu , sirbi isaa lubbuu wareegamee fi wareegamaa jiru irratti haa ta’uu, wareegamaaf kan isa qopheessuu haa ta’uu, Sirba wareegama faarsuu haa ta’uu ……. Wallaaluu kan mul’iisuu dalagaa isaati. Kabajamee ka’ee salphachu isaa adda baafachuu dhabuu isaatii. Humna akkasiitu qabsoo dhaalaan habjuudha. Kan Qabsoo dhaaluu akka qabnuu boonnee dubbachuu dandeenya. QEERROO FI QARREE !!!!!! HORAA BULAA !!!
OROMUMMAA -> SABBOONUMMAA -> WAREEGAMA -> WALABUMMAA -> OROMOO – kutaa 1ffaa